(Madda Oduu ABO/MOA/Adoolessa 15,2008) Oduun Yun. Maqalee irraa MOA dhaqqabe akka addeessutti barataan Oromoo Heyoo jedhamu barnoota isaa sirnaan xumurate ragaa barnoota dhoowwatameera.
Barataan Oromoo kun Yun. Maqalatteetti Electrical engineeringiin eebbifamee badii tokko malee ragaan barnootaa isaa irraa qabamuu oduun nu gahe ifa godheera.
Barattootni Oromoo Yunv.Maqalee 14 kanaan dura barmoota isaanii xumuratan waraqaa ragaa dhorkatamuun ni yaadatama.
Tarkaanfiin wayyaanotaa kun itti fufuma imaamata Wayyaanee barattoota Oromoo Oromummaan yakkanii barnoota irraa arii’uu fi ragaa barnootaa dhoowwachuu akka tahe maddeen dabalanii gabaasaniiru.
***********
Ergamtootni Wayyaanee Godina Arsii Lixaatti maqaa ‘Gurmaa’inaatin’ qabatanii qonnaan bultoota xaa’oo dhoowwataa jiraachuun gabaafame.
(Madda Oduu ABO/MOA/Adoolessa 15,2008) Goodina Arsii Lixaa keessaatti ergamtoonni wayyaanee,OPDOn, maqaa “Gurmaa’ina” jedhuun yoo gurmooftanii miseensa keenya ta’uu baattan xaa’oo isiniif hin kenninu jechuun qonnaan bultoota hiraarsaa jiru. Wayyaanonni xaa’oo qonnaan bultootaaf rabsamuu qabu, dantaa siyaasaaf oolfachuudhaan qonnaan bultoota gidirsuu irratti argamu.
Kun kanaan osoo jiruu, Gudinuma kana, Ona Siraaroo magaalaa Aajjee keessaatti, ergamtoonni sirnichaa lafa hordoftoota amantaa kiristaanaaf Bataskaanaaf kenne, nama dhibiif laachuun barame.
Wayyaanonni gochaa farrummaa kanaan ummata wal kabajanii waliin jiratan sababa amantaatin walitti diruun dhiiga wal dhangalaasisuuf shira xaxaa jiran.
Waan taheefis, ummatootni shira wayyaanneen ummatoota walitti buusuudhaan qabsoo sirna isaa irratti gaggeeffamaa jiru laaffisuuf itti jiru hubatanii akka fashalsan sab-boontonni dhaamaniiru.
***********
Godina Arsii Lixaa bakkoota adda addaatti lukkeeleen Wayyaanee miseensa KBO hidhaatti darbuun dhagahame.
(Madda Oduu ABO/MOA/Adoolessa 15,2008) Mootummaan wayyaanee ergamtoota isaa Godina Arsii Lixaatti bobbaasuun miseensotaa fi deeggartoota dhaabbilee mormitootaa hiraarsaa jira.
Akka kanaan, lukkeeleen sirnichaa Godina Arsii Lixaa ganda Maraaroo Hamuloo keessatti bobbaafaman, miseensa KBO (Oromoo National Congress) Obboo Adam Huseen jedhaman reebuudhaan mana hidhaatti darbatan.
Mootummaan wayyaanee aangoo siyaasaa biyyattii guutummaatti dhiinfachuudhaan adeemsa dhaabbilee mormitootaa biyya keessaa sirna isaa jalatti hojjechaa jiran dhabamsiisuudhaaf kan yeroo kamii iyyuu caalaatti itti duulaa jiraachuun beekamaa dha.
**********
Mootummaan Faashistii Wayyaanee ilmaan Oromoo Oromummaan yakkee ukkamsee dhabamsiisuu fi hidhuu itti fufe.
(Madda Oduu ABO/MOA/Adoolessa 15,2008)Sab-boonaan Oromoo Barsiisaa Nimoonaa Xilaahun jedhamu Waxabajjii 26,2008 badii tokkoon maleetti humnoota tikaa wayyaaneen ukkaafamee bakka buuteen isaa wallaalame.
Barsiisaa Nimoonaa Xilahun hiriyoota isaa waliin osoo barsiisummaa irraa galaa jiruu bal’eessaa tokkoon maleetti, namoota huccuu siviilii uffataniin ukkaamfamee konkolaataa Poolisii Federaalaa lakkoobsi gabatee 3-F ta’een fudhatamuun barameera.
Barsiisaan kun ukkaamfamee osoo waajjira poolisii Onichaatti hin geeffamin bakka biraatti fudhatamuu namootni ijaan argan gabaasaniiru.
Barsiisaa Nimoonaa Xilaahun Bara 2007 Yunversiitii Finfinnee irraa Digriin eebfamee Godina Kaaba Shawaa mana barumsaa Shanoo barsiisaa akka ture oduun nu ga’e ni ibsa.
Dhaabbileen mirga dhala namaaf falman kan akka Amnesty international, Fannoo Diimaa fi Human Rights Watch bakka inni jiru qoratanii gidiraa fi dhababama lubbuu isaa akka baraaran jechuun sab-boontotni Oromoo dhaamsa dabarsaniiru.
Haaluma wal fakkaatuun sab-boontotni Oromoo hedduun magaalaa Finfinnee keessaa Oromummaa isaanii fi maqaa deggertoota ABO ti jedhuun yakkamanii mana hidhaa Maa’ikalaawwiitti darbamuun gidirfamaa jiru. Obbo Sanbataa Cimdeessaa Wajiraa Interpirzii Bosoona Finfinnee keessa kan hojjetan, Obbo Yaadessaa Sarbeessaa fi haati mana isaa aadde Sarkaalem Raggaasaa akkasumas obbo Mokonnin Abeetuu kanneen hidhaman keessatti argamu.
Maatii fi hiryooti isaan yaaddoo keessa kan jiran yeroo ta’an sab-boonton Oromoo, dhabileen mirga namaaf falmani kan akka Amnesty international, Fannoo Diimaa fi Human Rights Watch dirmannaa hatattamaa akka godhanif dhammataniiru.
*********
Godina Baha Wallaggaa Ona Annoo keessatti waraqaan waamicha FDG faca’uun dhaga’ame.
(Madda Oduu ABO/MOA/Adoolessa 15,2008)Waraqaan waamcha FDG kun kan faca’ee Waxabajjii 29,2008 akka tahe maddeen naannoo gabaasaniiru.
Qabiyyeen waraqaa faca’e kanaa, Fincilli DG mootummaa gabroofataa ofi iraa darbuuf godhamu akka jabaatee gaggeeffamu kan waamcha godhe ta’uun barameera.
Ummati Oromoo fi saboon biroon gurmuu isaanii jabeeffatuun qabsoo bilisummaa isaaniif godhan akka finiinsan waamichi faca’e kun dabalee dhaamsa dabarsee jira.
Waamicha waraqaa kanaaf deebii kennuuf dhalattooni saboota biroo naanichaa walga’anii mar’achaa akka jiranis maddeen oduu keenyaa gabaasaniiru.
************
Lammiiwwan Oromoo naannoo Hararii beela’an gargaarsa dhabanii qe’ee gad-dhiisuun baqataa jiran.
(Madda Oduu ABO/MOA/Adoolessa 15,2008)Maddeen oduu keenyaa akka hubachiisanitti lammiiwwan Oromoo hedduun naannoo Hararii beela’anii jiran qaama isaan gargaaru dhabuu irraa lubbuu isaanii oolfachuuf gara magaalaa Hararitti baqachaa jiru.
Baabbilee, Kombolcha, Fadis, Jaarsoo fi bakkoota biroo Oromootni beela’an hedduun lubbuu isaanii oolfachuuf daa’imman guurratanii qe’ee gad-dhiisuun gara magaalota Hararii fi Jijjigaatti baqachaa jiraachuu dabalee hubachiisa oduun kun.
Yeroo ammaa beelli dhalate, jireenyi qaala’ee fi dhibeen adda addaa jiru ummata akka malee hubaa jiraachuun beekamaa dha.
|